“Gaazexeessummaafi rogeessummaa walfaana deemsisuun rakkisaadha” -Hayyoota

43


Finfinnee: Gaazexeessummaafi rogeessummaan wantoota walfakkaatan qabaatanis addaddummaa bal’aa ni qabu. Kaayyoon isaan adeemsisanis walii faallaadha. Kanarratti osoo beekaniis ta’u hinbeekiin gaazexeesssitoonni tokko tokko akka rogeessaattis ni socho’u. Kun ammoo sirrii akka hintaaneefi ogummaa gaazexeessummaarratti dhiibbaa akka qabu hayyoonni damichaa ni ibsu.

Yunvarsiitii Finfinneetti barsiisaan Faakaltii Gaazexeessummaafi Qunnamtii Nutmaan Aliyyii gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin Kibxata darbe taasisaniin akka jedhanitti, kaayyoon rogeessiifi gaazexeessaan dhaabbataniif addadda waan ta’eef walfaana deemsisuun rakkisaadha.

Rogeessi dhimma tokko, keessumaa namni barate tokko waan itti amanee murteessaadha jedhee fudhate (qomoodhaan, sabaan, korniyaan, amantiifi kkfn ta’uu danda’a) karaa argate hundaan yeroo baay’ee deddeebi’ee odeessuu, akka namoonni isa hordofaniifi dhimmasaa dhimmasaanii godhataniif kakaasuu, hubachiisuufi hordoftoota ofii ummachuudha. Kallattiifi kaayyoonsaas dhimma tokko; dhimma dinagdee, siyaasaa ykn hawaasummaarratti socho’uudha.

“Gaazexessummaan garuu ogummaadha; aartiidhas. Ogummaan kun ammoo hunda giddugaleessa godhatanii hojjechuudha. Fknf yoo waldhabdeetu gabaafama ta’e, qaama miidheefi miidhame gidduu ta’ee dhugaa jiru haala madaalawaa ta’een hawaasa hubachiisa malee kaayyoo tokko qabatee “abalu baleesseera, abaluu ammoo sirriidha, kanaaf nuti taa’uu hinqabnu” jedhee hinkakaasu.

Hojiin gaazexeessummaa akka ibsaa tiraafikiiti. Daandii walqaxxaamuru gidduu dhaabbatee, konkolaatawwan kallattii garagaraarraa dhufaniif yeroo walqixa kenna. Tokkoof sakandii 30 kennee, kaaniif ammoo 15 hinkennu. Konkolaataan tokko moodeela haaraa waan ta’eef tokkommoo moofaa waan ta’eef wal hincaalsisu; hundaafuu qixuma safaree tajaajila. Gaazexeessaan akkas ta’uu qaba” jedhu.

Kana malees gaazexeessaan tokko yommuu hojiisaa hojjetu seera miidiyaa dhaabbatasaa (Editorial Policy) ittiin hogganamu kan qabu ta’u eeranii, rogeessi garuu fedhii dhuunfaasaa tarkaanfachiisuuf dhimmoota lamaan kana walfaana deemsisuun daran rakkisaa ta’uu himu. Akka ibsa Barsiisaa Nutmaanitti, gaazexeessaan tokko hojii rogeessummaa cichee itti karoorfatee hojjeta yoo ta’e, yommuu hojii idileesaa hojjetu gara tokkotti dhugaa jal’isuunsaa waan hinoolleef maal akka jaalatu, jibbuufi deggaru irraa barama.

Yommuu kana namni miidiyaa sana hordofu gabaasa gaazexeessichaa fudhachuun isa rakkisa. “Akka waliigalaatti rogeessummaan hojii gaazexeessummaarratti dhiibbaa ni uuma. Kanaaf gaazexeessaan hojiidhuma ogummaasaa hojjechuu qaba. Fknf biyyoota demokraatawoo keessatti loltuun tokko gaafa loltuu ta’erraa kaasee paartii keessaa ni ba’a. Sababnisaas loltuun biyyaaf malee paartiif hintajaajilu waan ta’eef. Gaazexessummaarra dhiibbaan akka hingeenye rogeessa ta’uurraa ofqusachuu barbaachisa” jedhu.

Dhimma kanarratti seerri miidiyaa ba’ee ifaan lafa taa’ee waan hinjirreef dhimmichi falmisiisaa ta’uusaatiin seerri dhiheenya hojiitti ni hiikama jedhamee eegamu kanaaf furmaata ni kenna abdii jedhu akka qabanis ni ibsu.

Barsiisaan yunvarsiitichaa biroo Doktar Tashaagar Shifarraas, gaazexeessitoonni rogeessoota akka qaama hawaasaa dammaqaa tokkotti madda taasifachuu ni danda’u; ofii rogeessa ta’anii kallattii tokko qabatanii gabaasuu garuu naamusni miidiyaa (media ethics) akka hineeyyamneef kaasu. “Sababnisaa gaazexeessummaan haqummaa, madaalummaa, dhugummaa, yaadawwan garagaraa keessummeessuufi kkf of keessatti qabata.

Roogeessi garuu kaayyoo dhaabbateef tokko tarkaanfachiisa. Kanaaf waan rogeessummaan barbaaduufi gaazexeessummaan barbaadu walii faallaadha” jedhu. Miidiyaaleen amma rogeeyyii jala jiran miidiyaalee idileedha jechuun rakkisaa ta’uu kan kaasan Doktar Tashaagar, sababni isaa garee qabatanii waan deemaniif ta’uu ibsu. Namni tokko rogeessa ta’ee gaazexeessaas yommuu ta’u walitti bu’iinsa yaadaaf akka saaxilamu eeranii, fknf dhaabbanni inni keessa hojjetu akka tasaa dhimma inni roga itti qabaterratti akka hojjetuf kallattii kennuufii danda’a.

Yommuu kana gabaasa madaalawaafi dhugaa hojjechuuf ni rakkata jedhu. Kanarratti wantoota sirrii (‘positive’) ta’anirrattis yoo ta’ellee namni tokko yommuu miidiyaatti dhufee gaazexeessaa ta’u, amantii, ilaalchaafi siyaasaa dhuunfaa isaa dhiisee dhufuun akka irraa eegamu hubachiisu.

Saamraawiit Girmaatiin

Bariisaa Ebla 11/2011